ONM-ABO Adoolessa 23, 2024
Humnaan qe’ee isaanii irraa qabamuu, wal-qoodinsa sanyummaa, WBO waliin hidhata qabdaan ajjeefamuu fi hidhamuun wantoota miseensota waraana Bilxiginnaa irratti raawwatu yoo ta’u, waraanni Abiy Ahimed ukkaamsaa seeraa jalatti, miidhaalee uummata Oromoo irratti dirqiin raawwachaa jiran mormuun mooricha keessaa ganaa jiru.
Yeroo irraa gara yerootti ilmaan Oromoo fedha isaanii malee dirqiin qabamanii mooraa sirnichaa seenuun leenjii fudhatanii bobbaafaman cunqursaa sabaan irratti adeemaa jiruu fi miidhama saba isaanii taa’anii ilaaluu dadhabuun gara qabsoo haqaa WBO’tti dabalamaa jiru.
Loltuun sirnichaa gochoota armaan olitti caqafame kana argaa turee fi carraa argatetti fayyadamuun godina Gujii Lixaa aanaa Qarcaa keessaa qawwee AKM 1, Boombii dabalatee hidhannoo waraanaa guutuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo bakkicha keessa socho’utti harka kennatee jiraachuun barameera.
Akka loltuun sirnicha tajaajilaa ture kun jedhetti mooraan isaanii raafama guddaa keessa akka jiru kaasuun, isaan garuu afaaniin WBO turtii hanga kana gidduutti balleessuu qabna, iddoo biraa hin jiran jedhanii nu sobanii ijoollee ibiddatti oofaa turan, walii isaaniifis walii hin galan jechuun dubbateera.
Akkasumas wal-qoodinsi sanyummaa Ijoollee Oromoo fi Amaaraa jidduutti guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa deemuun dhoksaa dhoksaan wal ajjeesaa akka jiranis dabaluun ibseera.
Loltuu kanaafis karaa WBO qabiinsi gaariin kan taasifameef yoo ta’u, innis gama isaatiin simannaa WBO’n isaaf taasisetti gammaduun ilmaan Oromoo mooraa sirnichaa keessatti dararaa hamaa argaa jirtan kottaa gara qabsoo haqaatti dabalamaa saba keessaniif dhaabbadhaa jechuun dhaamsa isaa dabarseera.

