Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Gujii Lixaa Aanaa Galaanaatti miseensonni waraana Raayyaa ittisa impaayerattii 2 hidhannoo guutuun WBO’tti makamuun dhaga’ame 

ONM-ABO Bitootessa 25, 2025 

Dheengadda Bitootessa 23, 2025 godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa ganda Meexxaarrii keessaa loltoonni sirnichaa lama qawwee AKM 2 hidhannoo guutuu waliin qabatanii gara abdii fi gaachana uummata Oromoo WBO’tti makamanii jiraachuun ibsame.

Loltoonni sirnichaa duraanii kunneen dhiibbaa fi hiraarsaa murni Bilxiginnaa loltoota kuma dhibbootaan bobbaasee uummata Oromoo irratti saamicha, hidhaa fi ajjeechaa guyyuu raawwachaa jiru garaa nu raasuun saba garboome bilisa baasuuf daandiin tokkichi Oromoon qabu WBO waliin hiriiruu akka ta’e hubannee gara WBO’tti dhufnes jechuun dubbatu.

Murni garboomfataan PP humna waraanaan teessuma aangoo isaa tikfachuuf jecha meeshaalee waraanaa hanga funyaaniitti hidhachiisuun hawaasa nagaa akka dararaniif kan bobbaasu ta’us, yeroo adda addaatti sirna balfamaa saba isaanii irratti duguuggaa sanyii raawwachaa jiru ganuun gara irree fi gaachana saba Oromoo WBO’tti harka kennachaa kan jiran hedduu ta’uu isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version