Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa irraa loltuun sirnichaa tokko Isnaayipera tokkoo fi AKM tokko waliin WBO’tti harka kennate

ONM-ABO Adoolessa 31, 2024

Ragaa qabatamaa tokko malee mana hidhaatti jumlaan guuramuu, manni irratti gubachuu, qabeenyi jalaa saamamuu, qe’ee irraa buqqifamuu fi ajjeefamuu uummata Oromoo irratti guyyaa guyyaan raawwatamu arguu dadhabuutu gara WBO’tti na fide jedha loltuun Godina Gujii Lixaa aanaa galaanaa irraa Isnaayippera tokkoo fi AKM  1 akkasumas rasaasa 200 waliin WBO’tti harka kennate tokko.

Akka loltuun guyyaa kaleessaa  Adoolessa 30, 2024 mooraa waraana Bilxiginnaa ganuun WBO’tti harka kennate kun jedhutti kaleessas dirqamaan hojii kiyya irraa na qaban, fedha kiyya malee lolatti na bobbaasan malee gochaan isaan uummata nagaa irratti raawwatan duraanuu argaan ture, ergan dirqamaan leenji’ee ba’ees gochootuma sanatu na muudate jechuun dubbata. 

Yeroo gabaabduu keessatti WBO balleessinee gara mooraatti deebitanii boqonnaa fudhattu jedhanii miseensa gowwoomsaa oolu, waanti isaan afaaniin dubbatanii fi gochaan lafa irratti arginu ammoo faallaadha kanaaf miseensi loltuu sirnichaa ta’ee tajaajilaa jiru kunis baay’ee nuffeeras jedhe.

Carraa qabutti fayyadamee gariin gara WBO’tti yoo dabalamu gariin ammoo uffata jijjiiratee gara maatii fi bakkeewwan tokko tokkotti badaa jira jechuun ibsa.

Itti dabaluunis yeroo ammaa waanti mooraa Bilxiginnaa keessatti adeemaa jiru inni ijoon wal-qoodiinsa sanyummaa akka ta’e ibsuun, keessattuu warreen sabaan Amaaraa ta’anii fi Oromoo jidduutti waldhibdeen babal’atee akka jirus kaasa.

Inni Oromoon ati Faannoodha jedhaan, inni Amaaraan ammoo ati WBO’dha jechuun sadarkaa waliin deemnee hin lollu jedhu irra gahanii akka jiran illee dabaluun ibseera.

Loltuu kanaaf karaa WBO simannaa hoo’aan taasifamuufiitti gammaduun, ilmaan Oromoo taatanii warreen mooraa sirnichaa keessa teessanii meeshaa keessan gara hawaasaatti garagalchuun hawaasa keessan miidhaa jirtan namummaan isinitti haa dhagaa’amu, kottaa gara qabsoo sabaa WBO’n geggeeffamaa jiruutti dabalamaatii saba keessaniif dhaabbadhaa jechuun dhaamsa isaa dabarfateera.

Exit mobile version