Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu keessatti milishaan sirnichaa tokko maanguddoo tokko cuubeen wawwaraananii miidhaa jabaa irraan ga’uun beekame

ONM-ABO Caamsaa 6, 2024

Namoota qaroo sabaa ta’an akkasumas jaalatamummaa hawaasa isaanii keessatti qabanii fi hawaasni isaan dhaga’u hordofee ajjeesuu fi miidhaa qaamaa irraan ga’uu irratti xiyyeefatee Oromiyaa golee mara keessatti hojjechaa geggeessuu itti fufanii jiru.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Caamsaa 4, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Huruta Dooree iddoo addaa Dildila Jaarraa jedhamutti jaarsa biyyaa kan ta’e nama maqaan isaa Jaarraa Dhugoo jedhamu milishaan sirnichaa kan sabaan Amaaraa ta’e tokko mana isaatti itti ol seenuun cuubeen waraanee ajjeese, jedhee erga biraa deemeen booda maatiin fuudhanii mana yaalaa dhaqqabsifachuu himan.

Yeroo ammaas haalli maanguddoon kun itti jiran hedduu kan nama yaaddeessuu fi uummanni Oromoo lafuma isaa irratti humnoota finxaaleeyyii Amaaraa kanaan ajjeefamuun isaanii hedduu yaadessuus ibsan.

Exit mobile version