ONM-ABO Caamsaa 21, 2024
Kibba Baha Oromiyaa godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Wurut-Doree jedhamu keessatti Caamsaa 13, 2024 hidhattootni koloneel Abiy Ahimed dargaggoo maqaan isaa Abdulmaalik Abbittii Abdoo jedhamu maqaa WBO deggarta jedhuun ajjeesanii hallayyaa keessa buusuun akka namni achii kaasee hin awwaalle uummata irraa akka dhorkaa turu himan.
Akka hawaasni naannoo sanaa ibsutti dargaggoon kun nama umuriin ijoollee reefuu dargaggummaatti deemaa jiruu fi nama umrii isaa hanga jiraate kanatti hawaasa isaa keessatti jaalatamaa ta’e yoo ta’u, gaafa ajjeechaaf isa qopheessan kanas hawaasa walgahii baasuun ija hawaasaa duratti maqaa isaa keessaa waamuun gara jabeenyaan hawaasa duratti ajjeesuun reeffa isaa immoo lafarra harkisaa hallayyaatti yeroo geessan namoota yeroo sanatti boo’anii fi iyyan reebicha hamaa irraan ga’uun mana hidhaatti galchanii dararaa jiraachuus jiraattonni addeessan.
Akka maddeen keessoo isaanii addeessanitti waraanni ammaan tana aanicha keessa jiru guutummaatti uummata Oromoo akka ajjesu, hidhu, reebu, qabeenya isa saamuu fi gubu akkasumas, gocha suukkanneessaa hojjachuun gocha safuu uummata Oromoo cabsu kanneen akka humnaan nama gudeeduu fi osoo namni lubbuun jiruu qaama isaanii irraa muruuf waraana dirqama akkasii fudhatee jiru akka ta’e ibsan.
Kana malees godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa keessattis qe’ee ilmaan Oromoo barbadeessuu, qabeenya saamuu, hidhuu fi ajjeesuun duguuggaa sanyii Oromoo irratti gegeessaa kan jiran waraanni faashistii kolonel Abiy Ahimed gocha isaanii kana jabeessanii itti fufanii jiru.
Ergamtoonni sirnichaa Godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa keessatti Caamsaa 19, 2024 uummata nagaan Lafa isaa qotatee jiraatu isin deggertoota WBO’ti ittiin jechuun qabeenyaa isaanii erga saamaniin booda manneen isaaniis gubanii barbadeessuu jiraattoonni dubbatu.
Caamsaa 18, 2024 aanaa Adaabbaa keessatti manneen qonnaan bultootaa 10 gubanii kan barbadeessan oggaa ta’u, maatiin jarreen kanaas bakka itti galanii fi waan ittiin jiraatan dhabanii bakkee keessa faca’anii jiraachuu ibsan.
Namoota manni jalaa gubate keessaa muraasni kan maqaan nu ga’e: Haaloo Abdii, Umar Kadir, Daawud Heebboo, Kadir Hasan, Qaasim Nuuraa, Hasan Karfuu, Amanoo Haaloo fi Yaasin kan jedhaman ta’uu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota irraa odeeffateera.

