Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Jajjuu keessatti  manneen hawaasaa loltoota PP’n irratti gubachaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Waxabajjii 9, 2024

Sirni  abba irree uummata nagaan jireenya hawaasumma isaa geggeeffatee jiraatu badii tokko malee hidhuu, reebuu, ajjeesuu, qabeenya saamuu, gubuu fi wantoota aadaaf  duudhaa sabichaa cabsu hojjechuu daran hammeessee jira.

Guyyaa dheengaddaa Waxabajjii 7, 2024 waraanni nama nyaataan kun teessoo Abiy Ahimed  jalatti tiksuuf olii gadi fiigu hawaasa nagaa jireenya dhorkuun manneen irratti gubee dararaa agarsiisaa  jira. 

Godina Arsii Bahaa aanaa Jajjuu keessatti kaabineen aangoo nama nyaataa of harkaa qabdu kana tursiifachuuf hawaasa karaa ittiin dadhabsiisan barbaaduun waraana itti bobbaasaa jiru.

Namoota manni isaanii jalaa gubatee fi qabeenyi saamame maqaan isaanii:

  1. Hammayaa Haji Muusaa
  2. Huseen Haji Garisoo
  3. Amaaniyaa Haji Muusaa
  4. Siraajoo Haji Garisoo  
  5. Kadiroo Huseen
  6. Maliyoon Haji Musaa
  7. Abdurhamaan Huseen Eda’oo
  8. Kadiir Alii
  9. Maammaa Kadiir
  10. Adee Shaaroo Gabiyyoo
  11. Kadiroo Gabiyyoo
  12. Huseen Kadiroo
  13. Sayidaa Sheek Muhaammad
  14. Tolaa Gabiyyoo
  15. Jabboo Sheek Muhaammad
  16. Shuumii  Roorrisaa 
  17. Sayidaa Siraajoo
  18. Mahaammad Aliyyii
  19. Nuuraa Shuumii
  20. Eda’oo Xaasoo
  21. Gabayyoo Warquu 
  22. Xasoo Abdoo Tufaa
  23. Jimaa Abdoo
  24. Awwal Kaliil Tufa
  25. Aliyyii Gabii
  26. Amichoo Jamaloo Boruu 
  27. Gandoo Haji Garrisoo
  28. Haji Muusaa Gandoo
  29. Golee Haji Huseen Haji Gaarrisoo
  30. Kadiro Huseen Garrisoo
  31. Kadir Alii Kaayyoo
  32. Aliyyii Gabii Amichoo
  33. Jamaal Boruu
  34. Siraaj Haji Garrisoo
  35. Gandoo Huseen Haji Garrisoo
  36. Ammayyoo Haji Muusaa Gandoo fi 
  37. Golee Huseen Haji Garrisoo 

Walumaagalatti gochi ammaan kana ergamtuuwwan teessoo Abiy Ahimed jalatti tiksuuf  dhamaatuun aanaa Jajuu keessatti raawwatamaa jiru uummata jireenya gadadootti galchuun qe’ee isaanii dhiisanii akka baqatan taasisaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Exit mobile version