Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu keessatti miidhaan hawaasa nagaa irra gahaa jiru daran hammachaa jiraachuu jiraattotni ONM’tti himan

ONM-ABO Waxabajjii 21, 2024

Waraanni maafiyaa PP badii tokko malee qarree tokko osoo ishee karaa deemaa jirtuu WBO  bira deemaa jirta jechuun qabanii reebicha hamaa irraan gahuun mana hidhaatti darbatanii jiru.

Waxabajjii 19, 2024 qarree godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Kabiiroo Oromoo jedhamu keessatti dhaltee kan maqaan ishee Dureettii Durii Kawwoo jedhamtu osoo isheen dhimmaaf gara Adaamaa deemuuf magaalaa Aboomsaa irraa kaatee aanaa Jajjuu keessa darbuuf deemtuu magaalaa Jimaateetti fuula haaraadha  WBO bira deemti jechuun shakkanii erga qabaniin booda  reebicha dhala namaaf hin malle irratti raawwachuun mana hidhaa keessatti dararamaa jiraachuu jiraattotni dubbatu.

Shammarree kana WBO biraa ergaa fudhattee deemaa jirti jechuun hojii isheen quba hin qabneen yakkaa turaniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti  qarreen kun nama lafas hin beekne konkolaataan keessa darbuu malee godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu keessa jiraattee kan hin beekne taatus nama magaalaa kana keessaa beektu nuuf himi jechuun reebaa turuu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version