Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa keessatti waraanni bilxiginnaa qarree lama elektirikiin guggubuun hiraarsaa jiru

ONM-ABO Hagayya 11, 2024

Mootummaan garboofataan PP afaan qawween ukkaamsee bulchuun bartee itti ta’e akkuma bartee isaatti hawaasa  adamsuun mana isaanii keessaa baasuuf daandii irraa qabuun maqaa garagaraa itti moggaasuu hiraarsaa jira. 

Hagayya 8, 2024 aanaa Muuneessaa ganda Odaa To’aaf Shumbuloo jedhamu irraa qarree lama osoo isaan fira biraa galaa jiranii WBO biraa dhufaa jirtu jechuun magaalaa Qarsaa keessatti qabuun hidhanii elektirikiin guggubuun iddoo irraa dhuftaniif waan hojjachaa turtan himaa jechuun mooraa waraanaa keessatti rakkisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Maqaan shammarran kanaas  Daraartuu Guree fi Dureettii Buudee ta’uu maddeen gabaasuun, akka naannoo kanaatti ijoollee dubaraa  maatiin iddoo ofii deemuu barbaadan kan ergatan yoo ta’u shammarraan kunneen sababuma qorii nyaata aadaa qabu wajjin qabamaniif bakka deemtan nutti himaa ni kijibdu WBO biraa deemtan malee fira bira miti jechuun shakkiidhaan gidiraa irraan ga’aa jiraachuu dabaluun gabaasan. 

Exit mobile version