ONM-ABO Hagayya 8, 2024
Sirni maafiyaa Itoophiyaa kan daddaaqamiinsa siyaasaa isa mudataa jiru irraa dandamachuu dadhabe barcuma aangoo isaa tursiifachuuf waraana sammuun hadoode uummata nagaatti bobbaasee ajjeesaa, qabeenyaa saamaa, manneen gubsiisaa akkasumas reebaa fi hidhaa jiraachuun ni beekamaadha.
Haluma kanaan guyyaa dheengaddaa Hagayya 6, 2024 akkuma bartee isaanii aanaa Martii ganda Dambaqaa Iftuutti murni bilxiginnaa kun qarree fi qeerroo Oromoo balleessaa tokko malee mana isaanii keessa osoo taa’anii qawwee irratti dhukaasuun shamarree maqaan ishii Kichaa Mohaammed jedhamtu qabanii hidhaatti yoo darbatan, dargaggoo tokko kan ammaaf maqaan isaa nu hin geenye rasaasaan rukutanii yeroo ammaa kana buufata fayyaa magaalaa Aboomsaatti yaalamaa jiraachuu maddeen dabalataan ibsaniiru.
Kana malees aanaadhuma Martii ganda Hoombaa jedhamtu keessatti lukkeeleen diinaa Hagayya 6, 2024 mana namootaa irra deemanii nama reebaa fi hidhaatti guuraa kan turan yoo ta’u, qeerroo maqaan isaa Wanduu Shukkaaraa jedhamu badii tokko malee mana isaa keessaa baasuun reebaa erga turaniin booda konkolaataa kessatti darbatanii magaalaa Aboomsaatti hidhanii jiru.
Akka jiraattotni jedhanitti, kaabinoonni waraana waliin ta’uun uummata nagaa hiraarsisaa jiran; Abaree Bunee fi Kamiilii Bashir yoo ta’an, jarreen kun waraana mana keenya irraan deemanii hundi isaanii hidhata WBO waliin qabu jechuun nu reebsisaa jiru, akkasumas gandoota baadiyyaa irra deemuun tokkoon tokkoon keessan qe’ee keessan irraa hinuma isin buqqisna jechuun, nutti dhaadachaa jirus jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

