Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Martii keessatti Waraanni Bilxigginnaa Namoota Nagaa 6 ajjeesuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Hagayya 24, 2024

Waraanni faashistii PP badii tokko malee uummata nagaa hidhuu, ajjeesuu, qabeenya isaanii saamuu fi ibiddaan gubanii barbadeessuun yakka namoomaa raawwatu Oromiyaa fi Oromoo irratti jabeessee jira.

Haaluma kanaan Hagayya 21, 2024 aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo fi Ardaa Haroorettii keessatti lola WBO’n waraana faashistii PP irratti taasise baaraaguun namoota nagaa rasaasa itti roobsuun  ajjeessanii  jiru.

Namoota ajjeefaman keessaa kan maqaan nu ga’e:

1. Borshaa Diinoo kan jedhamuudha. Obbo Borshaa Diinoo badii tokkoo malee ooyiruu  isaa keessatti kan ajjeesan yoo ta’u namoota lama dhalootaan aanaa Asakoo ganda Kaakuraaf Diree Odaa irraa lafa qotachuuf aanuma Martii Ardaa Haroorettii keessa jiran namoota maqaan isaanii Kadiroo Boruu fi Aliyyii Utturuu jedhaman gaaffii tokko malee rassasa itti roobsuun ajjeessanii jiraachuu maddeen ibsan.

Akka maddeen jedhanitti waraanni weerartuu PP kun aanaa Martii dabalatee aanalee garaagaraa keessatti gochoota wal fakkaataa raawwachuun uummata duguugaa jiraachuu dabaluun ibseera.

Exit mobile version