Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP godina Arsii bahaa aanaa Martii keessatti namoota nagaa ajjeesuun manneenis guban

ONM-ABO Muddee 24, 2023

Waraanni murna goolessituu PP godina  Arsii bahaa aanaa Martii keessatti Muddee 23, 2023 dubartii harma aannanii osoo hin hafne ajjeesuun manneen fi gombisaa  uummataa gubaniiru.

Waraanni harka dhiigaa rasaasni isaa lammiilee nagaa rukuchuun beekamu kun ganda Wataroo Diinoo Ardaa Xixichoo keessatti namoota nagaa lama ajjeesan.

Namootni ajjeefaman kunis Imaamaa Masjiidaa Sheek Ibraahim Maammaa fi Jamaal Abdallaa Boruu yoo ta’u namootni lama kan qabamanii achii buuteen isaanii dhabaman Dheekkoo Qaasim fi Huseen Daadhii ta’uun barameera.

Aanichuma Ardaa Diinoo keessatti manneen namootaa obbo Tolaa Galatoo Waaqayyoo, Ayyaanoo Roobaa Galatoo, Aabbuu Ayyaanoo Roobaa fi Guutoo Ayyaanoo Roobaa kan gubanii barbadeessan yoo ta’u namoota 4 kana jalaa walumaagalatti midhaan callaa kuntaala 60 akka gubate maddeen aanaa Martii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version