ONM-ABO Caamsaa 29, 2024
Waraanni naamusa waraanummaa hin qabnee fi leenjii gahaa malee teessuma aangoo namtokkee eeguuf bobbaafaman gara laafina tokko malee namoota ajjeesuu irratti bobba’anii jiru.
Godina Arsii Bahaa aanaa Muuneessaa keessatti qarree tokko kan nyaataa fi dhugaatii daldalattee jiraattu hidhattootni murna bilxiginnaa mana isheetti deddebi’uun nyaata irraa nyaataa kan turan yoo ta’u, yeroo hedduu maallaqa osoo hin kaffaliniif akka deemaa turan dubbatu.
Guyyaa dheengaddaa Caamsaa 27, 2024 kana garuu ani maallaqan ittiin deddeebisu hin qabu waan ta’eef naaf kaffalaa yeroo jettuun nuti isiniif jecha joorra, hin kaffallu jechuun gaaffii mirgaa isheen gaafatte dabsanii deebii isaa rasaasa itti roobsanii akka ajjeesan ibsan.
Haala kanaan impaayera Itoophiyaa keessatti dubartootni Oromoo illee kabaja dhabuun waraana akka feeteen qabeenyuma isaa irratti ajjeefamaa fi gidiraa hamtuu keessummeessaa jira jedhu jiraattotni aanaa Muneessaa.
Qarreen kun maqaan ishee Shaggee Abunee Maammoo kan jedhamtu yoo taatu, jireenya ishee fooyyeeffachuuf jecha kan hojjechaa turte. Waraanni PP kun yeroo hedduu mana sanatti akkuma deddebi’an si waliin bulla jedhanii rakkisaa akka turanis dabaluun hiriyyoonni ishee ibsaniiru.

