Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti ajjeechaa suukaneessaan murna bilxiginnaan jiraattota irratti hammaatee jiraachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2024

Gochoonni gara jabeenyaa dhala namaaf hin malle yeroo irraa gara yerootti ilmaan Oromoo irratti murna bilxiginnaan raawwataman jabaatee itti fufee jira.

Ergamtoonni sirna nama nyaataa bilxiginnaa ergama dabaa kolonel Abiy Ahimed irraa fudhachuun goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaafaman gochoota diinummaa Oromoof qaban haalaan jabeessuun uummata nagaa, hidhuu, saamuu, ajjeesuu, dirree waraanaatti guuruu fi qe’ee irraa godaansisuu kan yeroo kamii caalaatti hammeessanii  jiraachuu jiraattoonni ni dubbatu.

Murni safuu namummaa hin beekne kun Waxabajjii 2, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Arbaabitee iddoo addaa Luugoo jedhamutti gara laafina tokko malee abbaa warraa fi haadha warraa mana isaanii keessatti rasaasa itti roobsuun ajjeesan. 

Maqaan maatii wal biratti ajjeefamanii kunis Huseen Faranjii fi Aammee Sheek Manzuur kan jedhaman yoo ta’u, jarri Kun namoota ijoollee 9 heerumsiifatanii fi kan fuusisan maanguddoota ta’uu jiraattoonni gandichaa ONM’tti himan.

Ajjeechaan namoota nagaa irratti godinicha keessatti hammaachuun aanuma Zuwaay Dugdaa ganda Bookaa iddoo addaa Irboo jedhamu keessatti Waxabajjii 1, 2024 balleessaa tokko malee Oromummaa isaanii qofaan yakkuun dargaggoota 2 kanneen maqaan isaanii Xaayir Galasee fi Habtaamuu Hansee jedhaman Waraanni sirnichaa rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Exit mobile version