Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti uummatni isaan humnaan waltajjii baasanii turan harkaa faca’e

ONM-ABO Adoolessa 24, 2023

Rakkoo nageenyaatu magaalaa keessan keessa jira jechuun godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Caffee Jilaa keessatti kaleessa Adoolessa 23, 2023 waraanni faashistii PP namoota nagaan hojii isaanii hojjetachaa turan waltajjii baasanis uummatni harkaa faca’uun barameera.

Dilbata kaleessaa bulchiinsi aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Ogolchoo irraa loltoota konkolaataa Ambulaansii lamaan fe’uun gara magaalaa Caffee Jilaatti fidanii uummata irratti reebicha hamaa geggeessuun walitti qabanii ajandaa siyaasaa isaanii irratti raawwachuuf yaalanis sababa uummatni fedhii irraa dhabeef hin milkaa’in hafeera.

Konkolaataan waraana fe’attee dhuftes gara magaalaa Ogolchootti deebite.
Uummatni magaalaa Caffee Jilaa reebichi hamaan irratti raawwate gara mana ofitti kan galan yoo ta’u warreen dheessan dalagaa isaaniitti deebi’uun fedhii bilxiginnaan magaalattii irratti maqaa rakkoo nageenyaa jedhuun raawwachuu barbaade harkatti fesheleessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version