Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti dararaan uummata Oromoo irratti raawwatu jabaate

ONM-ABO Hagayya 2, 2023

Godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti waraana murni faashistii PP bobbaaseen uummatni nagaan qe’ee isaa irratti dararamaa jira.

Kaleessa Hagayya 1, 2023 halkan sa’a 4:00 irratti waraanni maafi’aa PP magaalaa Ogolchoo irraa gara magaalaa Caffee Jilaa dhaquun uummata gadi baasanii reebuun namoota lama badii tokko malee qabanii deeman.

Namootni qabaman kun Amaanaa Roobaa fi hojjetaa fayyaa Muusaa Ayyaanoo jedhamu yoo ta’u, namootni kun qabamuun erga reebamanii galgaluma edaa magaalaa Ogolchootti geeffamuun barameera.

Kana malees magaalaa Caffee Jiilaa keessatti nama tokko irratti qofa rasaasa 25 dhukaasuun namichi harkaa ba’e.

Aanaa Zuwaay Dugdaa kana keessatti waraanni Abiy Ahimed barcuma siyaasa isaa tikfachuuf bobbaaseen qonnaan bultootni, hawaasni daldalaa fi barataan kan goolamaa jiran yoo ta’u, tajaajilli aanichaa kamuu waraanaaf ooluun hawaasni Ambulaansii illee dubartoota ulfaaf dhabuun lubbuun darbaa akka jiru gabaasuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version