Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti waraanni weerartuu PP ilmaan Oromoo irratti hidhaa hammeessan

Godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti waraanni weerartuu PP ilmaan Oromoo irratti hidhaa hammeessan.

ONM – ABO – Sadaasa 26, 2022 Golee Oromiyaa mara keessatti ilmaan oromoo irratti gochi farrummaa kabinootaa fi waraana bilxiginnaan geggeeffamu kan yeroo kamuu caalaa jabaachuunii fi hammaachaa deemuun uummata Oromoo rakkoo ulfaata keessatti kuffisee jira.

Sadaasa 23, 2022 jechuun Roobii darbee godina Arsii baha aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Caffee Jiilaa ganda 01 keessaa abbaa qabeenyaa Oromoo nama maqaan isaa obbo Mohammad Abbuush jedhamu nama hirmaanna siyaasaa kam keessa hin qabne Oromummaa isaa qofaaf yakkanii qabuun waajjira poolisii aanaa Zuwayii Dugdaatti hidhaanii dararaa irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiya gabaasaniiru.

Waraanni murna bilxiginnaa kun kanaan duras haadha mana obbo Mohaammad Abbush qabuun mana hidhaatti daraara kan turan yoo ta’uu, amma immoo ishee gadhiisuun abbaa warra hojii dhuunfaa irraa qabanii dalagaa bakkeetti hambisaniiru.

Yeroon daldalli oo’uu fi oomishaa ooyiruu irraa galfatan ta’us murni hiyyoomuu uummata Oromoo barbaadu akkuma ol adeemtota Oromoo barbaadee ajjeesu, abbootii qabeenyaa Oromoos barbaadee hojii irraa mana hidhaa teessisuun diinagdeen cabsuu irratti hojjechaa akka jiran beekamaa dha.

Exit mobile version