ONM-ABO Caamsaa 29, 2023
Falmaa hadhooftuu geggeessaa jiruun gatii wareegamaa kaffalaa kan jiru uummanni Oromoo, garbummaatti goolaba gochuuf ijibbaata falmachaa, aarsaa lubbuu, qabeenyaa fi jireenya isaa arsaa itti gochuun, guutuu Oromiyaa keessatti nan dadhabe osoo hin jedhin har’as sabichi hidhaa fi ajjeechaan itti hammaattullee qabsicha irraa utuu abdii hin kutin ifatti mirga hiree murteeffannaa isaaf qabsoo geggeessaa jira.
Ajjeechaa ilmaan Oromoo irratti geggeeffamaa jiruunis, Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Burqaa Lammaffoo jedhamu keessatti, abbaa ilmaan shanii nama Ahimad Jabbii jedhamu, raayyaan ittisa impaayerattii balleessaa tokko malee itti dhukaasuun caamsaa 21, 2023 ajjeessuun beekame.
Gama biraatiin aanaadhuma Zuwaay Dugdaa Ganda Kiyyaanshoo jedhamu keessattis Isin deggertoota WB0ti jechuun poolisoonnii fi waraanni raayyaa ittisa impaayerattii dargaggoota hedduu kan reeban yoo ta’u, dargaggoota reeban kanas walitti qabanii mana hidhaatti geessuuf tibba isaan sassaabanii ka’anitti, Fincila uummanni gandichaa qaamota kanneen irratti kaasaniin dargaggootni kun hidhaa irraa hafuun himamee jira.


