Arsii Baha ona Zuwaay Dugdaa magaalaa Caffee Jilaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo to’ate.
ONM-ABO Fulbaana 10, 2022 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii Oromiyaa mara keessatti waraana bilxiginnaa irratti fudhatu jabeessuun godina Arsii bahaa ona Zuwaay Dugdaa keessaa magaalaa tokko haleelee dhuunfate.
Tarkaanfii galgala kaleessaa Fulbaana 9,2022 ona Zuwaay magaalaa Caffee Jilaa keessatti waraana weerartuu PP irratti fudhateen du’aa fi madoon adabee meeshaalee waraanaa irraa hiikkatuun magaalaatti keessaa ari’ee baasee jira.
Hanga gabaasni kun qindaa’etti magaalaan Caffèe Jilaa to’annoo leencichaa jala jirti.
Imalli gara Finfinneetti taasifamu lafee fi dhigaa keenyaan ni milkaa’a!
Injifannoon uummata Oromoof!

