Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Caffee Jilaa keessatti ilmaan Oromoo jumlaan mana hidhaatti guuruun dararaa jiraachuun himame 

ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2023

Ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaanii keessatti nagaan jiraachuu dhabuun gocha  isaanii malee maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo itti maxxansuun hidhattootni garee maafi’aa PP Oromiyaa golee mara keessatti mana hidhaatti guuruun jumlaan hiraarsaa jiru.

Haaluma kanaan godina Arsii bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Caffee Jilaa keessatti hidhattootni garee maafi’aa PP maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo namoota nagaatti maxxansuun dargaggoota hedduu ukkaamsuun mana hidhaatti galchanii dararaa jirus jedhaniiru.

Addatti ammoo dargaggoota bara TPLF mana hidhaa turan irratti hidhaan geggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, murni bilxiginnaas sodaa akkuma bara bilxiginnaa uummata nurratti kakaasu jedhuun sabboontota kana hidhaa jiraachuunis himame.

Aanichaa keessatti Namootni adda durummaan namoota hiisisaa jiranis  Ifaa Nugusee Barsoo Bulcha aanaa, Dodolee Buku Bulcha Ganda 01, Abdallaa Tashitee, Nageenyaa Lammii fi Badachaa Dhaabaa kanneen jedhaman ta’uunis beekameera.

Exit mobile version