ONM-ABO Fulbaana 25, 2023
Murni maafi’aa PP ilmaan Oromoo badii tokko malee hidhee dararuu jabeessuun godina Arsii bahaa aanaa Heexosaa gandoota adda addaa irraa namoota nagaa qabanii hidhuun dararaa jiru.
Wiixata darbe Fulbaana 18, 2023 magaalaa Itayyaa keessatti dargaggoota laaqana mana nyaataa keessaa nyaachaa turan Waraana Bilisummaa Oromootu isin erge jechuun qabanii buufata poolisiitti darbatan.
Dargaggootni jiraattota ganda Guurii Dabullaa ta’an maqaan isaanii Guutoo Garisoo fi Sulxaan Tunaa jedhaman kun badii tokko malee qabamanii hidhamuu kan himan maddeen, aanaa Heexosaa ganda Haxxee Handoodee keessatti ammoo jiraattotaan walgahii ba’uu diddan jechuun qarshii 67,000 adabaan uummata irraa walitti qabachuu himan.
Godinichuma aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Caffee Jilaa keessatti ammoo ilmaan keessan miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo ta’anii jiran fidaa galchaa jechuun hawaasa dararaa jiru.
Namootni lukkeelee diinaa ta’anii magaalicha keessatti jaarsolii biyyaa fi qeerrowwan Oromoo dararsiisaa jiran bulchaa magaalichaa Nugusee Bariisoo Lammii fi Badachaa Dodolee Bukkuu kanneen jedhaman ta’uu himuun, hojii diinummaa isaanii irraa akka of qusatan dhaamaniiru.

