Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii bahaa aanaa Heexosaa keessatti hidhaan waraana PPn jabaachuu jiraattootni dubbatu

ONM-ABO Fulbaana 6, 2023

Ilmaan namaaf kabaja kan hin qabne murni bilxiginnaan Oromiyaa keessatti hidhaa meeshaa waraanaa godhachuun ilmaan Oromoo bakkoota cufatti badii tokko malee hidhuun dararuu jabeessan jira.

Haaluma kanaan godina Arsii bahaa aanaa Heexosaa ganda Andoodee jedhamutti Hagayya 29, 2023 irraa kaasuun namoota maqaan isaanii Abdii Saanoo fi Shifarraa Baqqalaa jedhaman maqaa obboloota keessantu WBOdha jedhuun qabanii hidhaan erga dararuu eegalanii bubbuleera.

Namni tokko ilma isaa umriin 18 ol ta’e irratti ajaja guutuu akka hin qabnee fi ofi irratti abboomuu akka danda’u beekamus ilma isaanii gaafatamuu qabu dhiisanii abbaa fi obbolaa isaa qabanii dararuun sirrii akka hin taane beekamus, bilxiginnaan garuu tooftaa ittiin  namoota sodaachisuun qabachuu danda’u  taasifatee maatii rakkisaa akka jiru ni beekama.

Aanaa Heexosaa ganda baadiyaa keessatti yeroo ammaa namootni socho’anii jiraachuun rakkoo ta’uu kan nuuf himan maddeen, maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun qofa namootni baay’een waajjira gandaa fi buufata poolisii aanaa Heexosaa keessatti hidhanii dararaa akka jiran ni beekama.

Exit mobile version