ONM-ABO Waxabajjii 30, 2023
Gareen hannaaf of ijaare bilxiginnaan godinoota, bulchiinsa magaalaa fi aanota keessa caasaa isaa bobbaasuun maallaqa uummata irraa guuranii kan nyaatanii fi ittiin jiraataniin cinaatti meeshaalee waraanaa binnee ittiin bilxiginnaa eegna jechuun uummata saamuu hammeessanii jiru.
Akka kanaanis godina Arsii bahaa aanaa Jajuu keessatti caasaan faashistii PP daldaltoota, abbootii qabeenyaa fi hawaasa sadarkaa adda addaatti waltajjii waamuun maallaqa ittiin qawwee isnasyippera binnee mootummaa keenya eegnu fidaa jechuun dirqiin uummata saamaa kan jiran yoo ta’u, warra maallaqa sana hin finne hidhaatti guuraa jiru.
Kana malees aanaa Jajuu kana keessatti uummata hirmaannaa siyaasaa kam keessayyuu hin qabne hidhaan dararaa jiraachuutu dubbatama.
Godinichuma aanaa Adaabbaa keessaa nama obbo Addunyee Gabruu jedhamu ogeessa fayyaa namaa baatii sadiin dura Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jechuun qabanii hidhaatti dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

