Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Jajuu keessatti waraanni maafiyaan PP bosona uumamaa abiddaan barbadeessuu akkuma itti fufetti jira

ONM-ABO Bitootessa 6, 2025 

Oromiyaa kutaalee garaa garaa keessatti kan argamu bosona uumamaa kan madaalliin uumamaa ittiin eegamu sababa Waraana Bilisummaa Oromootu keessa jiraata jedhu tilmaamuun murni badiin Bilxiginnaa ibidda Itti shidanii barbadeessuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaanis godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu keessattis sirni faashistiin impaayerattii afaan qawween uummata Oromoo cunqursaa jiru bosona uumamaa mancaasaa kan jiru  yemmuu ta’u, Bitootessa 2, 2025 irraa eegaluun aanaa Jajuu gandoota hedduu keessatti gubaa jiraachuu jiraattonni himan.

Gubaatiin bosonaa kun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti itti fufee akka jiru maddeen naannichaa ONM’tti himaniiru.

Bosona yeroo ammaa kana ibiddaan gubachaa jiran keessaa muraasni:

  1. Hanqaallisaa,
  2. Qaawwa Shuuloo,
  3. Garaa Karaa Adii,
  4. Garaa Labuu,
  5. Qaawwa Mandhisaa,    
  6. Kakarsaa,
  7. Gaara Jabeenyaa,
  8. Gaara Qarree,
  9. Gaara Xaraa fi 
  10. Anjoo    

kanneen jedhaman yommuu ta’an, yeroo ammaa kana ibidda murni Bilxiginnaa itti qabsiisaniin gubachaa jiraachuu jiraattonni naannichaa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Murni garboomfataan impaayera Itiyoophiyaa kan hololaan bulchuu barbaaduu fi gaarummaa hin hojjennetti beekamtii argachuuf dhama’u waqtii gannaa maqaa “ashaaaraa magariisa” jedhuun biqiltuu miiliyoonotatti lakkaawaman dhaabne jechuun of himanii goota misoomaa ta’uun rikoordii addunyaa cabsine jedhanii miidiyaa biyyattii irratti hafarsuun of dhaadaa oolanis ragaan qabatamaan mul’atu garuu yeroo isaan gubanii barbadeessaniidha.

Exit mobile version