Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni murna PP godina Arsii bahaa ona Leemmoo fi Bilbiloo keessatti bosona gubuun ibsame

Waraanni murna PP godina Arsii bahaa ona Leemmoo fi Bilbiloo keessatti bosona gubuun ibsame.

( ONM-ABO Waxaabajjii 4,2022 )

Murni faashistii maqaa jijjiirama goyomsaan aangoo irra ba’ee afaan qawween uummata cafaqee bulchaa jiru lubbuun ilmaan Oromoo akka baalaa harcaasuun cinaatti bosona uumamaa uummatni fi bineensotni naannoo itti fayyadaman abiddaan gubaa jira.

Akka kanaanis Waxaabajjii 1,2022 godina Arsii bahaa ona Leemmoo fi Bilbiloo keessatti bosona uumamaa bineensotni fi bineeldotni hawaasa naannoo Gaalamaa itti fayyadaman bosona guddaa Gaalamaa waraanni badii balleessaan PP abidda itti shiduun gubanii barbadeessanii jiru.

Sababa bosonni naannoo gubateef uummatni naannichaa qaamolee aanicha bulchina jedhan gaafatanis deebii quubsaa isaan laatan kan hin jirree fi sobaan waraana bilisummaa Oromoo tu keessa socho’a kan jedhan ture.

Haa ta’u malee akka jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa himanitti dhaaba hidhatee qaama ani mootummaadha jedhu lolu, hidhannoon itti deemanii barbaadu malee ibiddaa bosona uumamaatti qabsiisuun laficha hongeessuun uummata beelaaf saaxilanii itti gargaarsa kadhachuuf tarsiimoo taasifatanii hojjechaa jiru jedhan.

Bifuma wal fakkaatuun murni namaa fi qabeenya Oromoo jibbee jiru kun kanaan duras bosona Wallaggaa, Jibaat, Liiban Cuqaalaa, Arsii lixaa fi Gujii keessatti gubee turuun ni yaadatama.

Exit mobile version