Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godinaalee Oromiyaa adda addaatti murni Bilxiginnaa bosona ibiddaan mancaasaa jiraachuun ibsameera 

ONM-ABO Gurraandhala 4, 2025 

Bosonni eegumsa naannoo, jijjiirama qilleensaa akkasumas da’oo bineensota bosonaa fi qabeenyaa uumamaa biyyi tokko ni qabdi jedhamee beekamuudha.

Haa ta’u malee impaayera Itiyoophiyaa keessatti waqtii gannaa duula biqiloota dhaabuuf uummanni impaayerattii cufti kanneen magaalaa fi baadiyyaa keessa jiraatan dirqisiifamuun waloon waggaatti biqiloota dhaabaa kan turan oggaa ta’u, murni garboomfataan PP garuu biqiloota ganna dhaabuun uwwisa miidiyaaf erga oolfateen booda waqtii bonaa ammoo da’oo Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun gubee barbadeessa.

Yeroo ammaa kanas godinaalee Harargee lamaan fi Arsii lamaanitti duulli bosona mancaasuu kunis daran cimee akka itti fufee jiru ibsameera.

Keessattuu godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Boqojjii keessatti kan argamu gaarri Gaalamaa guyyoota 5’f walitti aansee gubachaa jiraachuun kan himamuu fi godina Lixa Harargee aanaa Hancaar bosona Dindin jedhamutti ammoo waraanni faashistii PP ibidda itti shiduun gubachuu erga eegalee guyyoota sadii lakkoofsisee jiraachuun ibsameera. 

Rakkoo qabeenya bineensota bosonaa fi albuudota addaa addaa irra ga’aa jiru bu’ura irraan salphisuuf Bilxiginnaan osoo dirqama qabuu har’a garuu maqaa da’oo WBO’ti jedhuun gubanii barbadeessaa jiraachuun sirnichi abdii kutannaa dhumaa keessa seenuu isaa mul’isa kan jedhan jiraattota onoota kanneen irraa ONM dubbiseedha.

Exit mobile version