Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluq keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa biqiloota naannoo Irreecha Odaa Bulluq abiddaan barbadeessan

ONM-ABO Gurraandhala 1, 2025 

Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa ganna ganna ”biqiltuu dhaabaa” jechuun hawaasa rakkisanii dirqamaan dhaabsisuun yeroo bonaa immoo bakka adda addaatti “Waraana Bilisummaa Oromootu keessa jira” maqaa jedhuun bosona guggubaa jiru.

Aanaa Horroo Bulluq ganda Odaa Bulluq keessatti kan argamu bakka uummanni itti irreeffatu naannoo Malkaa Irreecha Odaa Bulluq itti irreeffatamu “Waraana Bilisummaa Oromootu as keessa jira” jechuun lukkeeleen Bilxiginnaa  abidda itti qabsiisanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Jiraattonni gandichaa akka jedhanitti; “waanti duraan tasuma ta’ee hin beeknee fi hin dhaga’amne bakka uummanni itti irreeffatu gubuun kun ilmaan Oromoo hunda tuffachuudha. Siyaasaa fi amantaan gargari. Bakki itti irreeffatan immoo, bakka Waaqeffannaadha. Amantaa waliin walqabata. Bakka seenaa addaa qabu kana gubuu isaaniif gadda guddaatu nutti dhaga’ama” jedhu. 

Mukkeen akka, Gaattiraa, baargamoo, muka qawwee ykn giraaviillaa fi mukkeen biroo hedduu “da’oo Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun biqiloota adda addaa irratti gubaatii raawwachuun isaanii dabalataan ibsameera.

Exit mobile version