Waraanni sirna PP godina Arsii bahaa ona Leemmoo fi Bilbiloo keessatti uummata nagaa hidhuu fi reebuu hammeesse.
( ONM-ABO Caamsaa 29,2022 )
Mootummaan tarsiimoo siyaasaa sirrii fi yaada mo’ataa fidee uummata amansiifachuu dadhabe, humnaan mootummaa kiyya qofa maaliif hin deggerre sababa jedhuun namoota waan siyaasaa keessaa quba hin qabne yakkee reebuu fi hidhuu cimsanii jiru.
Guyyaa kaleessaa Caamsaa 27,2022 godina Arsii bahaa ona Leemmoo fi Bilbiloo ganda Leemmoo Mirtii keessatti alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo dhaabdan jechuun ganda guutuu dirretti baasuun erga reebanii booda waltajjiin dararaa oolan.
Ganda Leemmoo Mirtii kana keessatti gaafa Caamsaa 25,2022 galgala alaabaan kun kan dhaabbatee bule yoo ta’u ganama ammoo bakka dhaabbatee bu’ee ture.
Waraanni sirna PP fi dabballoonni sirnichaa hawaasa qonnaan bulaa ooyiruu isaa keessaa gallan mana isaatti galee rafu gocha kana isintu raaweate jechuun olaantummaa isaanii itti agarsiisuun kan dhaanan yoo ta’u kanneen cichoomina Oromummaa qaban jedhaman ammoo addatti yakkuun qabanii waajjira poolisii aanichaatti geessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gamasii addeessaniiru.

