Kaabinootni bilxiginnaa waraana isaanii waliin ta’uun godina Arsii bahaa keessatti uummatni dirqiin leenjii waraanaatti ijoollee isaa akka erguu fi miidhaan deggersaa akka kennan taasisaa jiru.
( ONM-ABO Waxaabajjii 8,2022 )
Murni bilxiginnaa afaan qawween aangoo irra bubbuluuf ilmaan Oromoo fedhii isaanii malee naannoo qe’ee jireenya isaanii irraa qabuun lola isaan hin ilaallaneef leenjii waraanaatti erguuf hojjechaa jiruun cinaatti qonnaan bultootni dirqamaan deggersa raayyaa ittisaa biyyaa ofiin jedhuuf miidhaan kuntaalaan akka kafalan itti murteessuun dararaa jiru.
Gochi badii kun yeroo ammaa godina Arsii bahaa onoota garaagaraa keessatti dirqiin raawwachaa jira.
Torbee darbee qabuunis godina Arsii bahaa onoota akka Leemmoo fi Bilbiloo, Shirkaa, Digaluu fi Xijjoo fi Onkoloo Wabee keessatti gandoota onoota kanneenii cufa irraa uummatni akka ganda isaaniitti qeerroowwan Oromoo kudhan kudhan akka laatan dirqisiifaman.
Kana malees gandootni onoota kanaa marti miidhaan maqaa deggersa raayyaa ittisa biyyaa ofiin jedhuuf kuntaala 40 akka qopheessan akeekkachiifamuu jiraattootni onoota kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.
Murni bilxiginnaa yeroo garaagaraatti uummata godina Arsii bahaa gamtokkoon roobni dhabamuun hongee mudateen beelaaf saaxilamee jiru gargaarsa irraa dhorkuun gama biraatiin ammoo waqxii qonnaa uummatni sanyii facaafachaa jirutti maatii kee fi ooyiruu kee agabsii miidhaan deggersaa fi ijoollee kee du’aaf ergi jechuun diinummaa ija baasaa dha jechuun tarkaanfii murni bilxiginnaa aangoo isaa bararuuf jecha godina Arsii bahaa keessatti raawwachaa jiru jiraattoonni balaaleffataniiru.

