Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Heexosaatti bilxiginnaan ijoollee umriin isaanii waraanaaf hin geenye humnaan qabee waraanatti guuraa jira

ONM-ABO Waxabajjii 3, 2024

Waraanni barcuma Bilxiginnaa tiksuuf sirnichaan ijaaramee bakkoota adda addaatti irra deddeebiin yakkoota waraanaa lammilee impaayeerattii irratti raawwataa oolu, lola kallattii hundaan isa mudateen akka baalaa harca’aa, booji’amaa, hojii sirnichaa hubatee gariin ammoo ganee bahaa waan jiruuf mooraan Bilxiginnaa onee sadarkaa of ittisuu dadhabuu irra waan ga’eef ijoollee xixiqqoo ganni isaanii waraanaaf hin geenye fi seerri idil-adunyaa dhorku illee barcuma siyaasaa isaa ittiin tikfachuuf qofa sirni seera kabajuu hin beekne PP’n  seera adunyaa cabsuun daa’imman dirree leenjiitti guuruu hammeessee jira.

Sirni abbaa irree dargaggoota, ijoollee daa’imman waraanaaf ganni isaanii hin geenye dirqiin qabanii gara iddoo waraanaatti geessuun hammaataa dhufeen Caamsaa 22, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Heexosaa keessatti daa’imman lama kan ona Zuwaay Dugdaa ganda Hulaa Arbaa jedhamu keessatti dhalatan maqaan isaanii Muussaa Jamaal Bobbaasaa fi Juuneydii Ahimed Heeyyii jedhaman kan umriin isaanii 13 fi 15 ta’an qabuun dirqamaan mooraa leenjiitti erguuf akka jiran namoonni itti siqeenyaan beekan dubbatu.

Gareen gadaan aangoo isaa obba’uuf dhidhiittataa jiru kun daa’imman kana fedhii isaanii malee aanaa Heexosaa magaalaa Itayyaa keessaa osoo isaan imala irra jiranii daandii gubbaatti ijoollee 20 waliin  ukkaamsuun dirqiin qabanii magaaluma Itayyaa keessatti mana hidhaatti erga galchanii booda amma immoo waraana deemtu jechuun Kaabineen aanichaa dirqama baay’ina namoota akka aanaa Heexosaatti waraana deemuu qabantu hanqate jechuun hidhamtoota walitti guuran kana gara leenjii waraanaa erguuf qophii xumuranii akka jiran barameera.

 Haa ta’u malee ijoollee kana baasuuf maatiin hedduu carraaqanis sirni gara jabeenyaan guutame kun ijumaan wal arguu dhorkuun   ijoollee fi maatii gargar ittisee gocha suukkanneessaa kana raawwachaa jiraachuu isaanii maatiin waan godhan wallaaluun miira aariin guutameen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version