Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni bilxiginnaa daa’imman umriin hin geenye waraanummaaf leenjisaa jiraachuun dhagaa’ame

Murni bilxiginnaa daa’imman umriin hin geenye waraanummaaf leenjisaa jiraachuun dhagaa’ame.

ONM-ABO Hagayya 29,2022 Murni dheebuu aangoo isaa hin baane bilxiginnaan gadaa aangoo isaa dheereffachuuf ilmaan haadha hiyyeessaa umrii daa’imummaa keessaa hin baanee fi seera idil addunyaan dhorkaa ta’e maatii jalaa humnaan qabuun leenjii waraanummaa kennaafii jira.

Murni abdi kutataan PP kun lola keessaa ba’uu hin dandeenyetti galuun lammiilee isaa waraanuuf jecha daa’imman umrii 18 gadii mooraa leenjii bilxiginnaa Birshalaqoo jiru keessatti leenjisaa jira.

Mooraan leenjii Birshalaqoo mooraa ilmaan hiyyeessaa hedduun dirqamaan maatii isaanii biraa qabamuun leenjii fudhatanii waraanaaf bobba’uun lubbaa dhabaa jiran yoo ta’u leenjii armaan dura namoota umriin 18 ti olii jedhamaa ture hafee daa’immaan kununsa maatii jalaa ba’uu hin geenye itti rakkisaa jiranii dha.

Murni bilxiginnaa abjuu haati Abiy Ahimed mootii taata jetten jedhu qofa yakka seenaan hin irraanfanne lammiilee isaa irratti raawwachaa fi ilmaan haadha hiyyeessaa hedduu foolii haadha isaanii hin quufne baaruda ulachiisee lubbuu hobbaasisaa jiraachuu maddeen waraana bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasaniiru.

Exit mobile version