Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Harargee Aanaa Jaarsootti murni Bilxiginnaa dargaggoota dirree leenjii waraanaatti guuruu jabeessee jira

ONM-ABO Caamsaa 15, 2025 

Nagaa uummata bal’aa balleessee Oromiyaa dirree dhiigaa gochuun lubbuu ilmaan isheen taphachaa kan jiru, akkasumas mirga lammiilee kabachiisee nagaa waaraa buusuufii irra waraana itti bobbaasee duguuggaa sanyii raawwwachaa kan jiru murni PP aanaa Jaarsoo araddaa Dhaabelloo bakka addaa Gaara Ciraa jedhamutti dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii: 

  1. Maammee Naasirii fi 
  2. Nuuraddiin Umar 

jedhaman osoo isaan konkolaataan daandii deemaa jiranii konkolaataa irraa buusuun gara dirree leenjiitti akka ergan maddeen gabaasan.

Daa’imman umuriin isaanii leenjii waraanummaaf hin geenye kanneen maatii isaaniif iyyuu hojii humnaa hojjechuu hin dandeenye, manneen barnootaa fi maatii jalaa qabuun guuraa kan jiru, akkasumas abbaa maatii ilmaan isaa irraa qabuun soora rasaasaa godhee qe’ee uummataatti gadda naquun kan beekamu murni PP hammeenya isaa uummata irratti jabeessee jira.

Koloneel Abiy Ahimed yeroo irraa gara yerootti tibbana kanneen duriin oliitti guutuu Oromiyaa keessaa saalaa fi umuriin osoo hin daangessin akkasumas dhukkubsataa fi fayya qabeessa osoo hin jenne dirqamaan leenjii waraanaatti uummata guuraa jiraachuu irra deddeebiin isiniif gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.

Exit mobile version