ONM-ABO Bitootessa 10, 2026
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Giraay Biishaa keessatti gaafa Bitootessa 4,2026 murni Faashistii Bilxiginnaa dargaggootaa fi abbootii maatii jumlaan ukkaamsuun gara dirree waraanaatti bobbaasaa jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akkuma koloneeffattoota impaayerattii kanaatti, ilmaan habashaa kanaan duraa wayita sirni dabaan isaanii kufuuf jedhutti, ilmaan lammiilee Impaayerattii dirqamaan gara dirree waraanaatti guuraa turan irraa dhaaletti, koloneel Abiy Ahimadis hidhattoota sirna isaa isaaf tiksuuf garaa isaanii guuttatanii buluu malee, homaa dantaa uummataa hin qabaanne, lammii Oromoo irratti bobbaasaa jira.
Haaluma kanaan namootni ukkaamfaman hedduu yoo ta’an, ammaaf kan maqaan nu qaqqabe:
- Dargaaggoo Naasir Wandimmuu,
- Dargaaggoo Abduramaan Magarsaa,
- Obbo Bantii Raagoo,
- Obbo Daammanee Guutaa,
- Obbo Mikaa’eel Ayyaanaa fi
- Obbo Garramuu Saddeeqaa
kanneen jedhaman qawwee irratti dhukaasuun bakka isaan hojii isaanii hojjetatanii humnaan ukkaamsuun hidhattanii diina biyyaa loltu jechuun gara waajjira bulchiinsa aanichaatti guuranii deemuu jiraattotni ijaan argan ONMf ifoomsaniiru.
Bilxiginnaan sirna isaa harkatti bososee jiguuf jedhu akka waan kufaatii irraa oolchuu, dargaggoota Oromoo abdii fi egeree lammii isaanii fi biyya ta’an dirqamaan kan inni gara waraanaatti guuraa jiru kun seera idil-adduyaatiin kan fudhatama hin qabne ta’us Bilxiginnaan akka waan bor isa hin gaafachiifneetti gocha badii kana itti fufee jira.

