ONM-ABO Caamsaa 15, 2025
Impaayerattii keessaa nagaaf tasgabbiin erga dhibee waggoota kan lakkoofsise yoo ta’u, har’as qe’ee Oromoo keessaa ilmaan Oromoo dirqiin dirree lolaatti guuramuun hawwan guyyaa guyyaan ilmaan isaanii duukkaa boo’aa oolu.
Bifuma kanaanis godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaa keessaa Caamsaa 10, 2025 irraa eegalee dargaggoota bifa haarawaan guuraa kan jiran yoo ta’u dargaggoo Mudaasir Xurunaa jedhamu fi kanneen biroo maqaan isaanii hin eeramne hedduu jaleewwan Abiy Ahimed humnaan ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaa geessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, dargaggoon Mudaassir dhalataa godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Eeffarsii ta’uu himuun, innis qaala’iinsa jireenyaa mo’achuuf jecha gara magaalaa Jimmaatti godaanee hojii dhuunfaa isaa hojjechaa kan ture ta’uu itti dabaluun eeranii jiru.

