Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Baateetti caasaaleen Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa qabanii ukkaamsuun qarshii humnaa olii isaan kaffaluu hin dandeenye gaafachaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan

ONM-ABO Fulbaana 28, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee keessaa Fulbaana 18, 2025 hidhattootni sirnichaa qonnaan bultoota baay’inaan 47 ol ta’an qabanii ukkaamsuun garmalee reebaa jumlaan hidhaatti kan darbatan yoo ta’u, namoota kanneen keessaa maatii qabsaa’otaa kan ta’an namoota 3 qophaatti baasuun mana hidhaa Qaalluutti hidhanii qarshii humnaa olii gaafachaa akka jiran barameera.

Namoonni maatii qabsaa’otaati jedhamuun qophaatti hidhamanii garmalee reebamaa qarshii guddaa gaafatamaa jiran kunis ganda Urunguu irraa Alii Muhee qarshii 120,000, Mahaammad (Mafiin) jedhamuun kan beekamu ammoo 130,000 fi

Mahaammad Zeyni Se’id qarshii 128,000 kan gaafataman oggaa ta’u, Mahaammad Zeyni Se’id ammoo qarshii 128,000 kana kaffalee ba’uun namoonni lama maqaan isaanii olitti eerame ammoo qarshii gaafataman kaffaluu waan hin dandeenyeef mana hidhichaa keessatti gidirfamaa jiraachuun eerameera.

Ergamtoonni murna Bilxiginnaa Waraana Bilisummaa Oromoo lolaan injifachuu oggaa dadhaban of booda deebi’anii bifa haaloo ba’annaa fi abdii kutannaatiin hawaasa meesha maleeyyii maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun gaaffii seeraa tokko malee ajjeesuu, jumlaan ukkaamsanii hidhuun qarshii guddaa gaafachuu, mana irratti gubuu, saamuu fi qe’ee irraa godaansisuun dararaa ulfaataa agarsiisaa jiraachuu gochaan isaan guyyaa guyyaan Oromiyaa keessatti raawwachaa oolan kan mul’isuudha.

Exit mobile version