ONM-ABO Sadaasa 5, 2024
Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaa keessatti hidhattoota sirnichaan maatiin qabsaa’otaa ukkaamfamanii hidhamuu fi qe’ee irraa buqqifamaa kan jiran yoo ta’u, dabalataan aanichaatti Bilxiginnaan ilmaan Oromoo addaan qooduuf hojjechaa jiraachuun barame
Siyaasa Impaayera Itiyoophiyaa keessatti uummatni Oromoo hunduu paartii Bilxiginnaa deggaruu baannaan yakkamaa ta’ee mul’achaa kan jiru yoo ta’u, namoonni nagaan maqaa ergama WBO fudhattee socho’aa jirtaa fi maatii qabsaa’otaati jedhamuun hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin ajjeefamuu, saamamuu, manneen irratti gubachuun barbadaa’uu fi ukkaamsamanii hidhamuun achi buutee dhabamsiifamaa jiru.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Harawaa keessatti Sadaasa 4, 2024 hidhattootni Koloneel Abiy Ahimed maatii qabsaa’otaa 3 jiraattota ganda Manduuboo kan ta’an:
- Maanguddoo ganna 80 Obbo Mahaammad Aliyyaa,
- Ahimed Hasan, fi
- Aliyyii Mahaammad kanneen jedhaman gabaaf magaalichatti baanaan bilbiloota harkaa fi qarshii irraa saamuun hidhaniiru.
Namooni ergamtoota maafiyaa PP’n hidhaman kunneen badii qabaataniif osoo hin taane, maqaa ilmi fi firri keessan miseensa WBO ta’uun sirna keenya diigaa jira jedhuun gaafatama ilmaan isaanii jaarrolii kanneenitti deebisuun kan hiraarsaa jiraniin cinaatti, maatii qabsaa’otaa kanaan hanga gabaa keenya hin ba’inaa isin shakkamtoota jechuun hawaasa qulqulluu kana akeekkachiisanii jiru. Sababa kanaanis jiraattotni danuun qe’ee isaanii gadi dhiisuun firoottan isaanii biratti galaa akka jiran maddeen ONM’f eeraniiru.
Dabalataanis lukkeeleen Bilxiginnaa uummata Oromoo kutaa fi lagaan gargar qooduun bu’aa siyaasaa isaanii keessaa argachuuf ifaajan kun torbee darbe Onkoloolessa 28, 2024 magaalaama Harawaa keessaa jiraattota ganda Buukkoo kan ta’an;
- Kaddoo Sirruu fi
- Tamiimaa Usmaan kan jedhamaniin maal barbaacha gabaa baatan? sichi sanyii isin balleessina, keessattuu gandoota 3 kanneen akka Buukkoo, Manduuboo fi Qurqurootaa keessaa hawaasa waliin taanee maatii qabsaa’otaa dhabamsiisuu qabna kan gabaa dhufe ammoo hin galu jedhanii dhaadachuun qabanii garmalee reebuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun dubbataniiru.

