Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Baatee fi Dawwee Harawaa keessatti hidhattoota sirnichaan hidhaa fi reebichi namoota nagaa irratti raawwatamuu maddeen Aanota kanneenii ONM’tti himan

ONM-ABO Onkoloolessa 22, 2024 

Hawaasa nagaa dararuun akka waan qabsoo bilisummaa Oromoo duubatti deebisuutti kan amanan ergamtootni bilxiginnaa godina Walloo aanaalee garaa garaa keessatti maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota waraana bilisummaa Oromooti jedhuun namoota nagaa manneen hidhaatti galchanii dararaa jiru.

Haaluma kanaan, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee ganda Jaldeettii keessatti hidhattootni murna Bilxiginnaa Onkoloolessa 2, 2024 irraa eegaluun bifa adda ta’een namoota nagaa manneen hidhaatti guuraa jiraachuun barameera.

Namoonni nagaan ergamtoota maafiyaa PP’n ganda Jaldeettii irraa hidhaman kunneenis muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Mohammad Jawaar, 
  2. Sayid Alii,
  3. Indiris Abduu,
  4. Faantaaw Sayid,
  5. Indiris Sayid, 
  6. Abduu Indiris,
  7. Alii Muhee,
  8. Sulxaan Abduu,
  9. Mohammad Awwal,
  10. Indiris Huseen,
  11. Indiris Abduu, 
  12. Liiban Muhee,
  13. Huseen Imaam,
  14. Ahimed Huseen fi 

ganda Hawwaaree irraa ammoo

  1. Alii Sayid ta’uun barameera.

Aanaadhuma Baatee ganda Inkisee fi Gaadullaa keessaa ammoo Onkoloolessa 20, 2024 hidhattootni sirnichaa namoota nagaa maqaan isaanii Indiris Usmaan Xiyyee, Ahimed Alii fi Mahammad kanneen jedhaman badii tokko malee deggartoota WBO’ti ittiin jechuun hidhanii dararaa jiraachuu jiraattotni dabaluun ibsaniiru. 

Akka jiraattotni jedhanitti namoonni hidhattoota koloneel Abiy Ahimediin qe’ee isaanii irraa qabaman kun namoota nagaa siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabne hojii isaanii qofa irratti xiyyeeffachuun jiraatan ta’uu himuun, ergamtootni Bilxiginnaa kun maqaa deggartoota WBO’ti jedhuun reebanii hidhaniiru jedhu maddeen keenya onichaa.

Oduuma hidhaan wal qabatuun ammoo godinichuma aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Harawaa keessaa Onkoloolessa 21, 2024 milishoonni sirnichaa shamarran lama jiraattota ganda Buukkoo kan ta’an Kaddoo Sirruu fi Tamiimaa Usmaan kanneen jedhaman reebicha ulfaataa irraan ga’uun waajjira poolisii magaalaa Harawaatti hidhaniiru.

Shamarran lamaan milishoota sirnichaan reebamuun magaalaa Harawaa keessaa qabamanii hidhaman kun guyyaan Wiixataa gabaa magaalaa Harawaa waan ta’eef ganda Buukkoo irraa gabaaf magaalaa Harawaa kan ba’an yoo ta’u, milishoonni PP  maqaa maatii qabsaa’otaati, nuti duruu isin barbaadaa turre, maal barbaacha gabaa dhuftan ittiin jechuun qarshii fi bilbiloota harkaa irraa erga saamaniin booda reebuun hidhaniiru. 

Lukkeeleen bilxiginnaa Oromummaa hadheeffatanii morman kun akkuma godina Wallootti maatiin qabsaa’otaa magaalaa keessa jiraachuu fi bittaa fi gurgurtaaf illee gabaa ba’anii galuu akka hin dandeenyetti dhorkamuun hidhaa qabee hanga ajjeechaatti irratti raawwatamaa jiraachuu jiraattotni godina Walloo aanaalee garaa garaa irraa ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version