ONM-ABO Caamsaa 1, 2025
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baateetti milishoonni murna PP maqaa sakattaa WBO jedhu da’oo godhachuun qe’ee hawaasaa keessa naanna’aa oolan Ebla 29, 2025 ganama barii barraaqaan ganda Roorrisootti marsuun maatii qabsaa’otaa kan ta’an mana Ahimed Mahaammadii daa’imman 4 hirriba irraa kaasanii haadha waliin gadi baasuun mi’a mana keessaa tokko osoo hin baafatin ibidda itti jalaa shidanii gubuun barbadeessaniiru.
Guyyaadhuma manneen maatii qabsaa’otaa guban kanneen sa’atiima wal fakkaataatti namoota nagaa hedduu qabuun hidhaatti kan darbatan yoo ta’u, warroota hidhaman keessaa muraasni maqaan nu ga’es:
- Indiris Mahaammad Arab ganda Madaafaa,
- Mahaammad Hamzaa ganda Qilahaa,
- Huseen Aliyyee ganda Qilahaa,
- Abduu Duuloo ganda Qilahaa fi
- Yaasin Gaammiyoo ganda Roorrisoo irraa
badii tokko malee ukkaamsanii qabuun reebicha ulfaataa irratti raawwatanii magaalaa Baateetti hidhuun ibsameera.
Dabalataan hidhattootni murna Bilxiginnaa kunneen akkuma aanaa Baateetti bakkoota garaa garaa irraa maqaa nyaataa fi uffata milishaaf jedhuun qarshii 100 fi isaa ol dirqiin saamaa kan jiranii fi keessattuu Warra Waayyuu gandoota akka Gaariroo, Jaldeettii, Sallaaxxee fi Hawwaaree keessatti guyyaa guyyaan saamicha isaanii kana hammeessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

