Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Baateetti hidhattoota sirnichaan hidhaa, reebichaa fi gubaatiin oomisha maatii qabsaa’otaa irratti raawwatame

ONM-ABO Ebla 28, 2025 

Gareen jiraachuu ilmaan Oromoo hin barbaannee fi Itiyoophiyummaa ijaaruuf dhama’an hidhattootni murna Bilxiginnaa Ebla 26, 2025 maqaa sakattaa WBO jedhuun aanaa Baatee bakkoota adda addaatti bobba’an qonnaan bultoota hedduu badii tokko malee qabanii hidhaatti darbachuun ibsameera.

Qonnaan bultoota Ebla 26, 2025 ganda Masgiidaa keessaa qabamuun hidhaman muraasni maqaan nu ga’e; 

ganda Masgiidaa irraa:

  1. Abdullee Sayidii,
  2. Awwal Sayidii,
  3. Adam Muhee,
  4. Abduu Sayyee,
  5. Abduu Sayidii,
  6. Mahaammad Amaan,
  7. Mahaammad Urbee,
  8. Mahaammad Adam,
  9. Abduu Adamee fi 
  10. Najiib Diinuu kan jedhaman oggaa ta’an, 

ganda Jaldeettii irraa ammoo:

  1. Mahammad Adam fi
  2. Ahimee Sayidii yoo ta’u,

ganda Dirree (Gamaa) irraa ammoo:

  1. Jamaal Sheek Adam dabalatee namoonni danuun magaalaa Baateetti hidhamuu jiraattotni ONM’tti himaniiru. 

Guyyaadhuma sana aanichumatti sa’atii wal fakkataatti hidhattootni sirnichaa kunneen ooyiruu maatii qabsaa’otaa kan ta’e Obbo Indiris Ahimed Masnoo qe’ee isaatti seenanii oomisha isaa kanneen akka maangoo, burtukaana, muuza, loomii, shambaqqoo fi Jimaatti boba’aa naqanii ibidda itti qabsiisuun jalaa gubanii barbadeessaniiru.

Exit mobile version