Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Baateetti milishoonni sirnichaa namoota nagaa bakka buutee dhabamsiisuu, doorsisuu fi gubaatii manneenii maatii qabsaa’otaa irratti raawwatan 

ONM-ABO Waxabajjii 17, 2025 

Koloneel Abiy Ahimed dirree dimookraasii dhiphisee, gaaffii mirgaa uummataa guutummaatti afaan qawween ukkaamsuun buchiinsa namtokkee (totalitarian) ta’ee wayita jirutti, gama biraan ammoo nagaan akkamiin akka bu’uu fi nagaan maal akka ta’e osoo beekuu faayidaa barcuma siyaasaaf dabsee afaaniin nagaa lallabus, gara jabeenyii loltoota isaa qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun  saba ulfoo dirree dhiigaa fi boo’ichaa, wawwaannaa fi gubannaa taasisaa jira.

Aanaa Baatee ganda Malkaa Luugoo-  Luugoo jedhamuun beekamutti kaleessa Waxabajjii 16, 2025 milishoonni murna Bilxiginnaa waraana dirree irraa isaan lolu dheessuun namoota nagaa dararuun beekaman mana maatii qabsa’aa kan taate maanguddoo ganna 80 olii Aadde Lubaabaa Sayidii jedhamtuu ilma keetu bosona jira jechuun ishee harka qabanii alatti baasanii mana qorqorroo tokkoo fi mana citaa tokko mi’a mana keessaa cufa waliin jalaa gubaniiru.

Guyyuma kana ganduma Luugoo irraa milishoonni sirnichaa kun qonnaan bultoota lama kan maqaan isaanii: 

  1. Adam Mahammad Abduu fi 
  2. Abduu Alii Muusaa  

jedhaman qabanii deemuun bakka buutee yoo dhabamsiisan, aanichumatti milishoonni murna PP kun namoota hedduu maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ta’an danuu adamsanii hidhaatti darbatanii jiraachuu fi gariin ammoo qe’eerraa buqqisuun jireenya itti hadheessaa akka jiran ONM jiraattota irraa qulqulleeffateera.

Exit mobile version