ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2024
Farra nageenya uummata Oromoo kan ta’e bineensichi guyyaa saafaa murni gabroomfataan PP, tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti hawaasa nagaa maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota WBO’ti jedhuun sobaan yakkee hidhuu, ajjeesuu fi reebuun sarbamiinsa mirgoota namoomaa irratti raawwachuu Kaaba Oromiyaattis jabeessee jira.
Bifuma kanaan, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa ganda Manduuboo keessaa Onkoloolessa 15, 2024 waraannii fi milishoonni sirnichaa waliin ta’uun qe’ee hawaasa nagaatti bobba’anii maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota WBO’ti jedhuun namoota maqaan isaanii Aminee Hasan fi Aliyyii Umar Wadee jedhaman qabuun garmalee reebanii hidhaniiru.
Namoonni hidhaman kunneen namoota nagaa yoo ta’an, hidhattootni Koloneel Abiy Ahimed kanneen hawaasa nagaa qofaatti roorrisuun beekaman kun maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun akka waan badii guddaa dalaganiitti garmalee reebaa mana hidhaatti darbachuu jiraattotni ONM’f himaniiru.
Oduu hidhaa fi reebichaa biraatiin Onkoloolessa 11, 224 aanichuma ganda Dirree keessaa milishoonni sirnichaa dargaggoo maqaan isaa Mohaammad Adam jedhamu halkan keessaa toora sa’a 8:00’tti balbala isaanii cabsuun ol itti seenanii hanga harki isaan laafutti dargaggoo kana erga reebaniin booda ukkaamsanii magaalaa Booraatti yoo hidhan, dargaggoo Mohaammad yeroo ammaa reebicha irratti raawwatameen iddoo ciisichaa irraa ka’uu kan hin dandeenyee fi nyaatallee soorachuu dadhabuun du’aa fi jireenya gidduutti kan argamu ta’uu jiraattotni dabaluun dubbatan.
Dargaggoon Mohaammad yakka miidhaa hanganaa irraan ga’u dalageef osoo hin taane, waan maatii qabsaa’otaa ta’e qofaaf milishoonni sirnichaa dhala namaaf naatoo hin qabne kun halkan mana isaaniitti ol itti seenuun iddoo inni rafaa jirutti reebicha ulfaataa kana irraan ga’uun yaala tokko malee mana hidhaa keessatti dararaa akka argu taasisan jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

