Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin Godina Walloo Aanaa Baatee keessatti hidhaa fi reebichi maatii qabsaa’otaa irratti raawwatamu jabaate

ONM-ABO Muddee 16, 2024 

Waraana dirree irraa isaan lolu dheessuun uummata meesha maleeyyii nagaan jiruu fi jireenya isaanii geggeeffatan maqaalee adda addaa itti moggaasuun kan dararan mindeeffamtootni Koloneel Abiy Ahimed godina Walloo aanaa Baatee keessatti maatii qabsaa’otaa umurii fi saalaan osoo adda hin fo’in manneen hidhaatti guuruu jabeessanii itti fufaniiru. 

Muddee 14, 2024 aanaa Baatee magaalaa Baatee fi ganda Malkaa Luugoo irraa maatii qabsaa’otaa kan ta’an:  

  1. Aadde Zeenabuu Alii maanguddoo umurii 80 magaalaa Baatee ganda 02,
  2. Zabuuraa Adee,
  3. Xuruu Adee haadha ijoollee 8 kan taate, 

Ganda Malkaa Luugoo Facaa irraa ammoo:

  1. Ahimed Awwal Ahimed, 
  2. Ahimed Sayid Abduu, 
  3. Aanshaa Sheek Muhee fi 
  4. Amiinuu Abduu ta’uu jiraattotni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Akka jiraattotni kun dabaluun himanitti, haadholii fi abbootiin warraa hidhattoota sirnichaan garmalee reebamuun magaalaa Baateetti hidhaman kunneen qonnaan bultoota ta’uu ibsuun, hidhattootni murna bilxiginnaa kun garuu maqaa ilmaan keessantu bosona jira jedhuun reebanii kan hidhanii fi akkuma aanichaatti maqaa maatii qabsaa’otaati jedhuun loltoota sirnichaan dhiittaan mirgoota namoomaa jiraattota naannichaa irratti geggeeffamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ifoomsaniiru.

Exit mobile version