Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Baateetti hidhaa fi doorsisni yoo raawwatamu, Aanaa Dawwee Harawaatti loon maatii qabsaa’otaa 40 ol saamame

ONM-ABO Caamsaa 2, 2025 

Hidhattoota sirnichaan dhiittaan mirgoota namoomaa daangaa darbe tibbana bifa addaan geggeeffamaa kan jiru godina Walloo aaanaa Baateetti daranuu hammaachuu jiraattonni dubbatu.

Haaluma kanaan, Ebla 29, 2025 aanaa Baateetti loltootni murna Bilxiginnaa maqaa sakkattaa WBO’n Malkaa Luugoo Araddaa ganda Hasan irraa qonnaan bultoota hedduu kan hidhan yoo ta’u, isaan keessaa kan maqaan nu ga’e muraasni:

  1. Muktaar Sayid Abduu,
  2. Abduu Adam Yuusuf,
  3. Yasee Abduu,
  4. Siraajuu Sheek Ubree, 
  5. Mahammad Abduu,
  6. Maammee Alii Hasanii fi  
  7. Ahimed Sheehuu kanneen jedhaman ukkaamsuun hidhanii jiraachuun addeeffameera.

Oduu saamichaatiin ammoo godinichuma aanaa Dawwee Harawaa ganda Qalqalcha jedhamu irraa Ebla 30, 2025 milishoonni sirnichaa  maatii qabsa’aa kan ta’e nama maqaan isaa Abdulqaadir jedhamu jalaa loon 40 ooffatanii deemuun beekameera.

Exit mobile version