Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa Aanaa Siraarootti lukkeeleen Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa hidhaatti darbachuu fi qarshii gurguddaa gaafachaa jiraachuun himame

ONM-ABO Gurraandhala 16, 2025 

Jaleewwan Bilxiginnaa qaama isaanii olii gammachiisuuf jecha kutaalee Oromiyaa cufa keessaa ilmaan Oromoo dararaa oolan, aanaa Siraaroo magaalaa Lokkee ganda 01 irraa torban darbe keessa badii tokko malee maqaa “ilmaan keessantu hidhatee bosona jira” jedhuun namoota maqaan isaanii:

  1. Faaxee Asmaachii,
  2. Manunoo Buunnoo,
  3. Gammachuu Badhaasoo fi 
  4. Dannaboo Hoogatoo 

kanneen jedhaman ukkaamsuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararuun, qarshii gurguddaa gaafachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni hidhaman kunneen maatii qabsaa’otaa ta’uu himuun, badii tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun kan hidhaman ta’uu dubbatu.

Namoota kanneen keessaa Dannaboon waajjira poolisii aanaa Siraaroo keessaa baafamuun gara magaalaa Shaashamanneetti kan geeffamee fi achitti jaleewwan Bilxiginnaa sobanii “si gadhiisna” jechuun qarshii 100,000 erga irraa fudhatanii booda, isas gadi dhiisuu diduun waajjira poolisii magaalaa Shaashamanneetti dararaa jiraachuun ifoomeera.

Namoonni sadeen hafan immoo qarshii akka kaffalanii ba’aniif lukkeelee Bilxiginnaan doorsifamaa jiraachuun barameera.

Exit mobile version