• Sat. Jan 10th, 2026

Godina Harargee Lixaa Aanaa Gammachiis irraa loltoonni faashistii Abiy Ahimed qonnaan bulaa tokko haala suukkaneessaa ta’een ajjeesan

Jan 13, 2025

ONM-ABO Amajjii 12, 2025 

Godinaalee Oromiyaa adda addaatti waraanni garaa fi dantaa dhuunfaa isaanii qofaaf jiraatan loltoonni Koloneel Abiy Ahimed haala duraan barameen olitti hawaasa nagaa ajjeesuun qe’ee Oromootti gadda uwwisuu itti fufee jira.

Aanaa Gammachiis ganda Geegiyyaa jedhamu irraa torban lamaan dura gara jabeeyyiin loltoota faashistii bilxiginnaa qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Abdii Alii jedhamu ofitti waamanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu namoonni itti dhiheenyaan beekan ni dubbatu.

Akka maddeen jedhanitti, Obbo Abdallaan abbaa ijoollee 9 kan ta’ee fi siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta’uu himuun, qonnaan bulaa kana lukkeeleen Bilxiginnaa erga ajjeesanii booda “Waraana Bilisummaa Oromootu ajjeese jennee uummatatti himna” jechuun wal mari’ataa turuu isaanii dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading