Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ergamtootni Bilxiginnaa Godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti qonnaan bultoota jumlaan guuranii mana hidhaatti dararaa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Guraandhala 1, 2026 

Godina Arsii Bahaa aanaa Muunessaa ganda Qoomaa Oochaa keessaa Amajjii 24, 2026 waraanni gabroomfataa Bilxiginnaa maqaa dharaa itti moggaasuun qonnaan bultoota jumlaan mana dararaa sirnichaatti guuraa turuu jiraattonni bakkichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko rakkoo uumame addeessanii jiru.

Haaluma kanaan, dargaggoota maqaan isaanii:

  1. Badhaasoo Baarshuu Eeguu fi 
  2. Habib Uukee Shufii 

kanneen jedhaman yeroo isaan magaalaa aanaa Qarsaa deeman waraqaa eenyummaa isaanii irraa fuudhanii erga ilaalanii booda namoota ganda sanaa ni barbaanna jechuun mooraa waraanaatti galchuun hiraarsaa jiraachuu fi dabalataan ammoo gandichuma keessatti Amajjii 22, 2026 qonnaan bultoota maqaan isaanii: 

  1. Obbo Gobee Gadaa Boqqaa fi 
  2. Gammadaa Boqqaa Bariisoo 

kanneen jedhaman iddoo jireenya isaanii irraa butuun mana hidhaa keessatti dararaa jiraachuu jiraattonni ifoomsaniiru.

Jiraattonni ittuma dabaluun, Sirni abbaa irree kufaatii kallattii hundaan isa mudataa jiru dandammachuu dadhabuun namoota siyaasa kam irraayyuu bilisa ta’an maqaalee garaa-garaa itti moggaasuun qaama siyaasaa godhee hiraarsaa jiru Bilxiginnaan hojii isaa kan kanaan duraan olitti tibbana daran hammeessee jira jechuun dubbatu.

Dargaggoonni kunneen barnoota isaanii barachuu fi yeroo barnoonni hin jirre maatii isaanii deeggaruu malee tutuqqaa siyaasaa kam illee kan hin qabne ta’uu jiraattotni himuun, sababa loltootni kunneen hidhanii hiraarsaa jiraniif hanga ammaatti maatiin kan hin barre ta’uu jiraattoonni aanicha irraa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version