ONM-ABO Adoolessa 31, 2024
Hawaasa fayyaaleeyyii yoo dararre dhugumaan gaaffiin sabichaa ni laaffata, akkasumas; lola WBO’n geggeessaa jiru irraa duubatti ni deebisa jechuun, yaada dulloomaa fi yeroon irra darbe qabachuun loltoonni fi kaabinoonni sirnichaa dararrii hamaa hawaasa nagaa irratti taasisan jabeessanii itti fufanii jiru.
Adooleessa 28, 2024 aanaa Muneessaa ganda Odaa To’aa jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Daraarsoo Tunee jedhamu loltoonni sirnichaa mana isaanii keessaa qabuun mooraa isaanii keessatti dararaa hamaa ta’e irratti raawwachaa jiraachuun beekame.
Dargaggoon kun balleessaa qabaateef osoo hin taane sababa Oromummaa isaaf qofa nama nagaa qe’ee maatii isaa taa’ee jiruu isaa dalagatu reebicha hamaa irratti raawwachaa jirus jedhan.
Dargaggoo kana malees gandicha keessaa nama maqaan isaa Bashir Fayyisoo jedhamu maqaa WBO waliin hariiroo qabda jedhuun yeroo dheeraaf osoo mana murtiitti dhiheessanii yakki inni dalage hin ilaalamin hiraarsaa jiraachuus jiraattonni kunneen dabaluun ibsaniiru.

