ONM-ABO Onkoloolessa 30, 2024
Murni garboomsaan abbaa irree bilxiginnaan uummata afaaniin dimookraasii itti faarsaa afaan qawween ukkaamsee bulchuun bartee itti ta’e, karoora isa milkeessuuf uummata ukkamsee mirga isaanii sarbee hiraarsaa jira.
Godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa gandoota hedduu keessatti kaabineen haaraa fi waraanni Bilxiginnaa waliin ta’uun uummata mana isaanii irra deemuun reebuu fi qabanii mana hidhaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, nama maqaan isaa Obbo Aliyyii Roobaa jedhamu yeroo dheeraaf sababa ijoolleen isaa qabsoo sabaa irra jiraniif akka waan isaan ergataniitti maanguddoo kanaan ijoollee sana dhiheessuu qabda maqaa jedhuun hidhuu fi reebicha hamaa irraan gahuun hanga qaama hiri’suutti miidhaa irraan geessisaa jiru.
Aanaa Muneessaa magaalaa Qarsaa ganda 01 keessatti mana jireenyaa fi hojiis irratti erga saamsanii waggaa tokko kan lakkoofsisan yoo ta’u, maatii hunda manicha keessaa baqachiisanii ganda baadiyyaatti galchuun achittis adamsaa jiru.
Onkoloolessa 26, 2024 ganda Qoomaa Ochaa jedhamu keessatti bakka isaan itti baqatanitti dhaquun qabanii hidhuuf barbaadanii yeroo dhabanitti meeshaalee mana keessaa hunda osoo waan tokkos keessaa hin baasin ibiddaan kan guban yoo ta’u namni kun yeroo dheeraaf maqaa WBO wajjin hariiroo qabda jedhuun barbaadaa kan turan yoo ta’u, yeroo ammaa kanatti maatii isaa gadi dhiisee eessa akka jiru hin beekamu jechuuun dubbatan.
Maatii isaa gargar facaasuutti dabalatee mana Obbo Aliyyii magaalaa keessa jiru meeshaa fi balbala irraa baasanii gurguruuf beeksisa irratti baasaa kan turan ta’uun barameera.
Akka jiraattonni jedhanitti aanaa kana keessatti uummata reebuu, hidhuu fi qabeenya isaa barbadeessuun jajjabaachaa kan jiru yoo ta’u, gandoota akka Qoomaa Oochaa, Adaree Golbaa, Kallacha, Gujichaa fi Heeban Dhubboo jedhamu keessatti uummanni hedduun dararaa Bilxiginnaa jibbuun qe’ee irraa baqatanii jiraachuun dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

