ONM-ABO Amajjii 12, 2024
Impaayera Itoophiyaa Keessatti ajjeefamuun ilmaan Oromoo gatii dhabuun Abiy Ahimed loltoota isaaf amanamoo ta’aan hoggansa kennuufiin, walitti bu’insa sabaaf sablamootaa kaasuu,amantootaa fi dursitootaa manneen amanta ajjeesuun siyaasaa isaa jijjiiruuf kan yaadu,yeroo ammaa godina Arsii Keessatti geggeesitoota manneen amantaa ajjeesuu irratti argama
Haaluma kanaan abbaan amantaa tokko waraana maafi’aa PPn ajjeefamuun jiraattotaan dubbatamaa kan jiru Amajjii 8, 2024 Arsii bahaa aanaa Sirkaa ganda Soolee Digaluu jedhamu Keessatti geggeessaan masjiidaa Sheek Muhammannuur Tunaa jedhamu osoo dhimmaaf daandii imalaa jiranii waraana kabaja namaaf hin qabne kanaan ajjeefamuun dubbatama
Taateen ajjeechaa armaan duras aanaa Sirkaa keessatti raawwatamaa turuun isaa kan yaadatamu yoo ta’u, gandoota 37 aanaan Sirnaa qabu Keessatti amantoota walitti buusuuf yaaluu fi geggeesitootni amantaa danuun waraana bilxiginnaan ajjeefamaa akka turanii fi yeroo ammaas akka itti fufee jiru jiraattotni ONM dubbise himaniiru.

