ONM-ABO Bitootessa 11, 2026
Humna meeshaa waraanaa hidhatee dirree irraa isaan lolu dheessuun hawaasa meesha maleessatti ol deebi’anii haaloon kan ba’an loltootni Bilxiginnaa godina Arsii Bahaa aanaa Muuneessaa fi Roobee Diida’aa keessaa namoota nagaa 4 mana isaanii keessaa qabuun hidhanii boodarra mana hidhaa irraa baasuun ajjeesuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Bitootessa 9, 2026 aanaa Roobee Diida’aa magaalaa Jeenaa ganda 01 keessatti namoota eenyummaan isaanii hin beekamne mana hidhaa aanichaa irraa baasuun magaalaa Roobee walakkaatti nama 3 rasaasa itti roobsanii ajjeesuun reeffa isaaniis bakkeetti darbatanii deemuu jiraattonni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.
Ittuma fufuun, Arsiidhuma Bahaa aanaa Muuneessaa ganda Daamuu Dhimbiibbaa iddoo addaa Dhimbiibbaa jedhamu keessatti nama maqaan isaa Kaasahuun Biraanee Abarraa jedhamu abbaa ilmaan 1 kan ta’e, Bitootessa 6, 2026 mana isaa keessaa qabuun mana hidhaa geessanii guyyaa tokko bulchuun gaafa Bitootessa 7 mana hidhaa irraa baasanii ajjeesuun reeffa isaa bakkeetti darbatanii deemuun hawaasni osoo hin argin reeffi bakkee keessa oolee buluu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasaniiru.
Obbo Biraaneen nama umrii 26 yoo ta’u, barumsa isaas hanga sadarkaa kutaa 12’tti baratee xumuruun jireenya hawaasummaa keessa jiraataa kan jiru ta’uu fi hawaasa keessattis nama akkaan jaallatamaa fi iddoo guddaa ga’a jedhamee eegamu akka ta’e jiraattotni himuun, loltoonni Bilxiginnaa kunneen garuu maqaa hariiroo waraana bilisummaa Oromoo qabda jedhu itti maxxansuun ajjeessanii deemuu jiraattonni itti dabaluun ibsaniiru.

