Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Bahaa Aanaa Roobee Diida’aa keessatti jiraattonni hedduun hidhattoota sirnichaan ukkaamsamanii hidhamuun dhaga’ame

ONM-ABO Hagayya 17, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Roobee Diida’aa ganda Jeenaa Gadamsaa fi Garree Hawwaaxxuu keessatti hidhattootni murna Bilxiginnaa maqaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun uummata jumlaan guuranii hidhaatti darbachuu hammeessuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Haaluma kanaan aanaa Roobee Diida’aa ganda Jeenaa Gadamsaa fi Garree Hawwaaxxuu jedhaman irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Diittaa Maammaa Tilmoo nama ganna 55 abbaa ijoollee 9,
  2. Huseenee Alloo Awaanii nama ganna 40 abbaa ijoollee 7,
  3. Huseenee Ahimad Suubii nama ganna 42 abbaa maatii 8,
  4. Huseenee Qaadoo Abdulaziiz nama ganna 60 abbaa ijoollee  8 fi
  5. Umar Qaadoo Abdulaziiz nama ganna 52 abbaa ijoollee 9 kan ta’e hidhamanii jiru. 

Namoonni kunneen balleessaa raawwatan tokkollee osoo hin qabaatin deggertoota WBO’ti shakkii jedhuun hidhamanii dararaa fi reebichi ulfaataan irratti raawwatamaa jiraachuun ibsameera.

Maanguddoota abbootii warraa ta’an kanneeniin alattis dargaggootni hedduun gandichuma keessaa qabamanii hidhamuun dararamaa kan jiran oggaa ta’u, isaan keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe:

  1. Abdulkariim Ibraahim Ahimad dargaggoo ganna 15, 
  2. Hamzaa Huseenee Alloo daa’ima ganna 9,
  3. Ra’isaa Huseenee Alloo daa’ima ganna 13,
  4. Tiiroo Faayoo Qaadoo dargaggoo ganna 20 fi 
  5. Baaraddiin Haajii-Jeeyiluu Muhaammad dargaggoo ganna 18 

kanneen ta’an balleessaa tokko malee mana maatii isaaniitii ukkaamsamanii mana hidhaa Saddiiqqaa jedhamu keessatti hidhamanii hiraarfamaa jiraachuu jiraattonni dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsaniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti, maanguddootni fi dargaggootni hidhaman kunneen balleessaa tokkollee kan hin qabnee fi hariiroo dhaaba siyaasaa kam irraayyuu walaba yommuu ta’an, tiksitoonni murna tokko qofa barcuma irratti eeguuf ifaajan immoo Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhanii dararaa jiraachuu addeessaniiru.

Exit mobile version